Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii LiibIyaa fulaa lamatti qoodatee bulchuutti jiru amma waliin hojjachuuf walii gale


Libiya
Libiya

Liibiyaan biyya Afrikaa Kaabaa naannoo Magrib afaan garba Mediteraaniyaan jala qubattu.

Eegii pirezidaantii isii Muhaammar Gadaafii bara 2011 keessa ijjeesanii mootummaa isaallee gara galchanii asitti mootummaa lamatti bulchuutti jira.

Mootummaan tokko Tiripoolii jira. Tokkummaan Mootummootaa mootummaa kanatti mootummaa seeraa jedhaan.

Mootummaan dhibiin Bengaazii jira. Achitti ammoo waraana Khaliifaa Haftaaritti bulcha.

Gama lachuu biyya gargaartutti jira. Jarii kun amma yaayyuu walii gale.

Taatullee wal dhaba bara hedduf dhiiga wal jisse ganna hedduu ture kanaaf akka dansaa keessaa keessoo qoratani wali galuu malan.

Tana keessaa warrii mootummaa gama lamaanii gargaarullee qooda keessa qabaachuu malte.

Akka bakka buutuun Tokkummaa Mootummootaa damee Liibyaa,Istefinii Williyaamsi jettetti jarii lachuu ammuma tana waraana wali irraa dhaabuuf walii gale.

Waraanii jarii biya alaatii yaammatelleen ji’a sadii keessatti Liibyaa bahuu male.

Waraana poolisii haga diqqaa tokko qofatti eegumsa lafaatiif hafa.

Akkuma kanaan geejjibii xuyyuuraa Tiripoolii kahee Bengaazi taa’e.

Kun ammo akka jecha Istefiniitti waan guddoo dansaa araaraaf karaa banaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG