Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii USA 10,000 barana Afgaanistaanii baha


Bahiitii tana irratti seneterootii Amerikaa hagii tokko lakkoofsii kun hin diqqaataa jedhan, kaan ammoo hin guddate jedhan

Amerikaan eegii waahelallee itti dabalattee milishoota Taalibaanii fi miilota isaanii loluuf Afgaansitaanitti waraana ufii ergite amma ganna kudhan keessa jirti.Waraanii hagii guddaan eegii prezdaantiin Obaamaa hujii jalqaban biyya sunitti ergame.Waraanii kun damee Taalibaan diiguu fi gurmaahuu dhowwuuf bahe.

Prezdaatnti Obaamaan waraanii kuma shanii dhiyootti kuma shan ka dhibiin ammoo itti aane bahaa jechuun kalee labse.

“Wanti nu amma jechaa jirru dhuma waggaa tanaatti waraana 10,000 achii baasuu,itti aanee ammo mara waggaa dhufuutti waraana 23,000 baasuu.”

Prezdaatni Obaamaan bahitii waraana Amerikaa kana itti gaafatamtoota waraana Amerikaa ka Afgaanistaan jiranii fi mootummaa Amerikaatiiniin walmari’atanii hojjachuu isaanii dubbatan.

Akka prezdaatni Obaamaatti Afgaanitaan asii achii keessumattuu bara 2014 jalqabdee akka isiin nagaa ufii ufumaan eegattu tolchuuf karoora qababan.

“Afgaansitaanotii nagaa ufii ufumaan eegachuutti jiran,lolallee ittuma jiran,biyya ufiillee du’uutti jiran.Nuyi waliin ammoo akka biyya hariyaa taanee waliin jiraachuu feena.”

Amerikaan Afgaansitaan qofaa mitii Paakistaanillee waraana qabdi,akka prezdaanti Obaamaatti Paaksitaaniif Amerikaan waan ijjeefamu Osaamaa Bin Laden irratti USA miira waltti hammaatanillee egerillee Paakistaan biyya nagaa ufii ufumaan eegattu taati jedhan.

Mee waan dubbii prezdaanti Obaamaan waraana USA,Afgaansitaanii baasuu irratti jedhan MP3 tana irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG