Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii Yunaayitid Isteete Iraaq Keesaa Bahuuf


 Pirezdaant Joo Bayidan Muumee Ministeeraa Mootummaa Iraaq Musxafaa Al Kadhimii wajjiin wal arganii mari'ataniiru, Waayit Hawus, Adoolessa 26, 2021
 Pirezdaant Joo Bayidan Muumee Ministeeraa Mootummaa Iraaq Musxafaa Al Kadhimii wajjiin wal arganii mari'ataniiru, Waayit Hawus, Adoolessa 26, 2021

Loltoonii Yunaayitid Isteets Iraaq keessaa jiraa dhumaa wagga kana irraa dirqamaa isaanii akka raawwatan prezidaant Joo Baayidan beekisaniiru.

Bayidan kan kana beekisisan erga muumee ministeeraa Mootummaa iraaq Musxafaa Al kadhimii wajjiin wal arganii maryatanii booda.

Akka baayiden jedhanitii yunaaytid isteets umnootan iraaqii fi sooriyaa leenjisuu fi gargaarsa kennuu kan itti fuftu yemuu ta’uu loltootaa waraana irratii hirmaatan garuu dhuma bara kanaa chaalaa akka achi turan wantii dirqissisu hin jiru.

Prezidaant Baayidan Loltootaa biyya isaanii Iraqiin jiran 2500 keessaa ammam akka iraaqiin turan himuu hin barbaanne.

Yunaayitid isteetes waraanaa ishee dhiheenya kana Afgaanistaan keesssa baasun ishee hin beekama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG