Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Amerikaa Afgaanistaan Keessaa Ba’u Jalqaba


Waraana Yunaaytiid Isteetes guutuummaatti Afgaanistaan keessaa hojiin baasuu kan jalqabamee ta’u ajajaan humnootii waraanaa Amerikaa kanneen Afgaanistaan keessaa beeksiisanii jiru.Jeneeraal Skaat Miilar magaalaa galma mootummaa Afgaaniistaan Kaabuul keessatti oduu gabaastoota naannoof Dilbata kaleessaa akka ibsanti, ajaja fudhadhu jalatti waraaanni Amerikaa ba’uuf qophii dha. Prezidaant Baaydiin torban lama dura waraanni Amerikaa achitti hafan kuma 3 ta’an hanga Fuulbaana 11 fullee keenyaa gaafa shoroorkeessonnii Amerikaa haleelan waggaa 20ffaan kabajamuutti achii ba’u qabu jedhanii turan.

Kunis kan jalqabamuu Caamsaa 1 akka ta’e ibsamee jira.Miller waraana Amerikaa fi kan wal taatoota Neetoo kanneen imala waraanaaf gamas jiran hogganaa turan.Wal taatoonni Neetoo waraana isaanii kuma 7 baasuuf walii galanii jiru.

Kunis walii galtee Amerikaan lootee seentoota Afgaanistaan waliin waggaa tokko dura tolfattee irratti hundaa’uun ta’uun ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG