Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Iaraa’el Hospitaala Shifaa Gadhisee Ba’u Beeksise


Miidhaa haleellaa Israa'eliin Hoospitaala Al-Shifaa irra gahe, Gaazaa, Ebla 1, 2024.
Miidhaa haleellaa Israa'eliin Hoospitaala Al-Shifaa irra gahe, Gaazaa, Ebla 1, 2024.

Waraanni Israa’el sakatta’iinsa torban lamaaf geggeesseen booda Wiixata har’a ganama hospitaala guddaa Gaazaa keessaa kan ba’e yoo ta’u, sakatta’iinsa kana keessatti hidhattoota gara 200 ajjeesee dhibbootaan kan lakkaa’aman immoo to’annaa jala oolcheera jedheera. Jiraattonni Falasxiin akka jedhanitti, loltoonni kunneen reeffa hedduu fi badiisa bal’aa dhiisanii deeman. Waraanni kun weerarri Hospitaala Shifaa irratti raawwatame lola gara ji'a jahaaf ture keessaa kanneen milkaa'ina guddaa argate keessaa isa tokko jechuun ibseera.

Namoota ajjeefaman keessaa gameeyyii olaanoo Hamaas fi hidhattoonni biroo sakatta’iinsa kanaan dura Sadaasa keessa raawwatameen booda achitti deebi’anii wal gurmeessan akka jiran, akkasumas meeshaa waraanaa fi odeeffannoowwan basaasaa gatii qabeessa ta’an akka qabate ibseera.

Dhaabbanni fayyaa kan Tokkummaa Mootummootaa akka jedhetti sakatta’iinsa kanaan dhukkubsattoonni 20 ol kan du’an yoo ta’u, kurnootaan kan lakka’aman immoo balaadhaaf saaxilamaniiru. kunis hospitaala duraanuu baay’inaan hojii dhaabe irratti miidhaa daran fideera.

Lolli cimaan kun Hamaas ammallee naannoo Gaazaa haalaan miidhame keessaa dura dhaabachuu akka danda’u agarsiise. Kunis Israa’el garee hidhattootaa Gaazaa kaabaa keessa jiru baay’inaan diigdee loltoota kumaatamaan lakkaa’aman ofirraa baasuu ishee erga dubbatte ji’oota hanga tokko booda. Israa’el Hamaas hospitaalota dhimma waraanaaf fayyadama jechuun himattee dhaabbilee fayyaa hedduu weerartee jirti. Qondaaltonni fayyaa Gaazaa keessaa himannaa kana ni haalu.

Qeeqxonni gama isaaniin akka jedhanti, waraanni kun of eeggannoo malee namoota nagaa balaadhaaf saaxiluu isaa fi damee fayyaa duraanuu namoota waraanaan madaa’an humnaa ol qabu kana balleessuu jechuun himatu. Lammiileen Falasxiin akka jedhanitti, loltoonni Israa’el magaalaa guddoo Gaazaa naannoo Shifaatti mana jireenyaa jiran irraa, jiraattota dhibbaan lakkaa’aman humnaan baasuun gara gama kibbaatti akka godaanan dirqisiisan.

Dubbi himaan olaanaan kan waraanaa Daani’eel Hagaarii akka jedhanitti, Hamaas fi gareen Islaamiik Jihaad xiqqaan waajjira muummee isaanii isa gama kaabaa, hospitaalicha keessatti hundeessan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG