Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Israa’el Hidhattoota Hamaas Biyyasaanii Keessatti Hafan Haxaa’ee Baasuuf Tarkaanfiilee Akka Fudhataa Jiru Beeksise  

Miseensa waraana Israa'el naannoo magaalaa kibbaa Ashikeloon jedhamtutti, Israa'el, Onkoloolessa 8, 2023.
Miseensa waraana Israa'el naannoo magaalaa kibbaa Ashikeloon jedhamtutti, Israa'el, Onkoloolessa 8, 2023.

Eega gurrmuun hidhattootaa Hamaas otuu hin eegamiin haleellaa Isiraa’el irratti geggeessee guyyaa tokkoo booda waraanni Isiraa’el Dilbata kana loltoota Hamaas hafan biyyattii keessatti hafan haxaa’ee baasuuf kan hojjetaa jiru beeksise.

“Shororkeessonni dhibbootatti lakkaawaman garii ajjeesamanii kaan qabamanii jiru,” jechuun dubbbatan – qondaalli warraanaa Israa’el tokko, Dilbata Har’aa.

Qondaalichi Waraanaa Isiraa’el, Riir Admiiraal Daani’eel Hagaarii, waraanni Israa’el eega lolichi jalqababee as hidhattota finxaaleyyii dhibba afur ajjeesuu isaa fi kurna hedduu qabachuu isaa dubbatan.

Humnootiin warraanaa Isiraa’el, bakkawwan hedduu Kibba biyyattii jiran kanneen handaara Galoo Gaazaa bakka hidhattoonni Hamaas kaleessa haleellaa sana irrraa geggeessanitti dhihoo jiran keessatti akka waraansa geggeessaa jiran gabaasamee jira.

Gama biraatiin ammoo, Isiraa’el haala nageenya lammiilee Isiraa’el butamanii fudhatamanii hubachuuf gargaarsa Masrii gaafataa akka jirtu, maddi oduu Wool Istriit Joornaal gabaasee jira.

Hamaasii fi waraanni Israa’el, kaleessa, hidhattoonni Hamaas loltootaa fi siiviloota lammiwwan Isiraa’el booji’anii fudhachuu dubbatanii turan. Gauru, lakkoobsi isaanii hammam akka tahe waan beekame hin jiru.

Isirraa’el har’as haleellaa haaloo-bahinsaa humna qilleensaa isheetiin Gaazaa irratti geggeessitee jirti. Xiyyeeffannaan haleellaa kanaa keessaa waajirri guddaan dhimma tikaa yokaan basaasaa Hamaas, warshaan oomisha meeshaa warraanaa fi baankiileen lama haga tokko tahuu tu gabaasame.

Forum

XS
SM
MD
LG