Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Israa’el Hospitaala Shifaa Keessa Seenuusaa Ibsee Jira


Hoospitaala Rumah Sakit Indoneeziyaa magaala Gaazaa keessa jiru, Sadaasa 1, 2023.
Hoospitaala Rumah Sakit Indoneeziyaa magaala Gaazaa keessa jiru, Sadaasa 1, 2023.

Waraanni Israa’el Hospitaala Shifaa kan magaalaa Gaazaa keessatti sochii gochaa akka jiru Wiixata har’a kan ibsee yoo ta’u, naannoo sun, duula Sadaasa keessa gaggeeffameef lafa qeeqa idil-addunyaa hordoofsise ta’ee ture.

Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Israa’el Rear Adm. Daani’eel Hagari ibsa baasaniin, humnoonni Israa’el wiixata har’a socho’aa kan jiran, qondaaltonni olaanoo Hamaas hospitaala kana fayyadamuun haleellaa Israa’el irratti raawwatamu ajajaa waan jiraniif jedhan.

'Hospitaalichi hojii barbaachisaa ta'e akka itti fufu gochuudhaan of eeggannoo hojii keenya kana gaggeessina,'' jedhan Obbo Hagari.

Namoonni ijaan argan akka jedhanti, naannoo hospitaalichaa kan Gaazaa keessatti isa guddaa ta’e kanatti, haleellaan xiyyaaraa raawwatamuu, akkasumas taankiileen Israa’el akka jiran gabaaseera.

Hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Jooseef Booreel Wiixata har’a akka jedhanitti Israa’el Gaazaa keessatti “beela kakaasaa jirti” akkasumas beela “akka meeshaa waraanaatti” fayyadamaa jirti.

Booreel konfiraansii gargaarsa namoomaa Gaazaaf Biraasels keessatti gaggeeffame irratti, ''Gaazaa keessatti kana booda qarqara afaan beela irra hin jirru, haala beellii seenee keessa jirra, namoota kumaatamaan lakkaa'aman irratti miidhaa geessisaa jira,'' jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa Israa’el, Israel Kaatis akka jedhanti mootummaan isaanii “nama gargaaruuf fedhii qabu kamiifuu gargaarsa namoomaa bal’aa lafoo, qilleensaa fi galaanaan gara Gaazaatti akka seenu hayyama” jechuun hidhattoonni Hamas “konkolaataa gargaarsa fe’an irratti hokkara gaggeessu jechuun” himataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG