Gam-lameen wal morman gidduutti walitti-bu’iinsii hokkaraan guutamee geggeefamee, dhukaasnii har’a ganama eega dhaga’amee booda ture ka polisiin gidduu seene.
Waltajjii Tahriir cinatti Taankilee hedduun kan walitti qabaman yoo ta’u, tokko immo gareelee wal moraman gidduu dhaabatee argama.
Mummichi ministeera Masrii Ahmeed Shafiiq walitti bu’insi akkasii uumamuun dogoggora, Nuti obboleyyani, adda addummaa yaadaa irratti wal ajjeesuu hin qabnu jedhan.
Kana malees, haala gaddisisaa kaleessa uumamee irratti qorannaan gaggeefamee ifatti kan labsamuu ta’uu, waadaa seenanii jiru