Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Raashaa Haleellaa Jabaa Taasisuu Akka Danda’u Prezidaantiin Yuukireen Ibsan 


Loltoota Yukireen taankii wajjin, Yukireen, Waxabajjii 20, 2022.
Loltoota Yukireen taankii wajjin, Yukireen, Waxabajjii 20, 2022.

Komishiiniin gamtaa Awurooppaa Yuukireen Miseensaa gamtaa Awuroopaa akka ta’uu dandeessu yaadaa waligalaa irraa gahuu isaa fi hogantoonii biyootan Awurooppaa dhimichaa irratti yaaduu jalqabuu isaanii hordofuudhaan Raashaan lola jabaa nu irratti banuu dandeessi jechuudhaan prezidaantiin Yuukreen Volodiyimiir Zeleniskii ibsanii jiru.

Zelensikiin ibsaa Dilbata kaleessa kennan irratti yemuu dubbatan haleellaan Raashaan raawwachuu dandeessu kun yuukreein qofa irratti ittuu hin ta’in biyyootan Awurooppaa biroo irratis ta’uu danda’a jechuun isaanii gabasameera.

"qophaawaa jirra, qophoofneeras," kan jedhan Zeleniskiin,lolli jabaan baha biyyatti kutaa Donbaas keessatti akka taasifamaa jirus ibsaniiru.

Biyyoottan Miseensa gamtaa awurooppaa 27 miseensumaa Yuukireen ilaalchisee yaadaa komishiiniin gamtaa Awurooppaa kene irratti walgahii isaanii kamisaa fi jimaataa dhufu taasisan keessatti ni kaasu jedhameera.

Bareessaan muummee Nato Jens Stoltenberg Dilbata kaleessaa baruulee torbanii biyyaa Jarmaniti maxxansamu Bild am Sonntaag jedhamu irratti ibsa kenaniin lollii Raashaan Yukreen keessatii taasisaa jirtuu waan dheerachuu danda’uuf, biyyoottan lixaa gargaarsaa yuukreeniif taasisan akka addaan hin kunne gaafachuun isaanii beekameera.

Jimaataa dheengaddaa Yuukireniin kan daawwatan muummeen ministeeraa Biritaan Booriis Joonsen biyyi isaanii gargarsaa leenjii waraanaa yuukireeniif kennuu akka itti fuftu ibsaanii jiru.

Karaa biraatiin Ministeerri ittisaa Raashaa loltoonii isaa magaalaa kibbaa lixaa Siiviroodoneski ti argamtuu Meetolkiin akka too’atan ibsee jira. Dhaabanii oduu Raashaa TASS akka jedhetii, loltoonii Yuukireen Hedduun harka kennaniiru. Waraanii Yuukreen Raashaan injifannoo amma tokko argachuu ishee ibsuun isaa gabaasameera.

Washigton keessatti kan argamu Raakaa qoo’annoo waraansaa “institute for the study of war” jedhamuu irraa , Xiinxaltoonii akka jedhanitti, waraana qaban harkaa caalaa isaa hirmaachisuudhaan Raashaan torban dhufan keessaa Siviroodonesk too’achuu dandeesi .

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG