Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Tigraay Hospitaalota Irratti Qiyyaafachuun Haleellaa Gaggeesse: Bulchiinsa Nannoo Amaaraa 


Hoospitaala Riferaalaa Desee, Naannoo Amaaraa (Suuraa faayilii)
Hoospitaala Riferaalaa Desee, Naannoo Amaaraa (Suuraa faayilii)

Humnootiin Tigray baatii sadaasa bara 2021 keessa Hospitaaloota haleeluun akkasumas tajaajiila bishaanii irratti danqaa uumuun isaanii yakka waraanaa ti jilaalmuu mala jechuun aangawoonni bulchiinsa naannoo Amaaraa dubbatanii jiru.

Hospitaalii Haayiiq kutaan wal’ansa hatattamaa manca’ee bantiin isaa diigamee foddaaleen caccabanii jiru.Hospitaala sana namnii hojjatan tokko akka jedhanti Addi Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) beekaa hospitaalicha irratti qiyyaafachuun sadaaasa 24 bara 2021magaalatti haleelan jedhan.

Hospitaala Haayiq keessatti ogeessa waa’ee Raadiyooloojii kan tana Sultan Mohammed akka jedhanti, gareen ABUT akkan yaaduutti guyyaa Samabataa sana fagoo irraa kutaa wal’ansa hatattamaa irratti qiyyaafatan.Kutaan kun wal’ansa hatattamaa fi wal’ansa baqaqsanii suphuu ti.Mortaara ykn meeshaa gurguddaa kan gargaaraman natti fakkaata. Sulxaan akka jedhatti looltonni TPLF booda irra hospitaala kana dhufanii meeshaalee wal’ansa fayyaa saaman. Meeshaaleen hafaniis keessaa baasanii waan fudhataniif hin hojjatu jedhan.

Jiraattonni Haayiiq akka jedhanti bakka irraa tajaajiila bishaaanii argataa turan kan magaalatti irrattiTPLF shiira hojjachuun akka bishaan hin argannee taasisee jira. Hospitaaloota tajaajiila waraanaaf hin ollee beekaa qiyyaafata godhachuun akkasumas tajaajiila bishaanii beekaa dhaabuun akka seera Jeeneevaatti yakka waraanaa ti.

Haleellaa wal fakkaataan waaltaalee eegumsa fayyaa Tigraay keessaa irrattis raawwatamuu fi kunis mootummaan Fedeeraalaa tarkaanfii seera eegsisuu jedhuun fudhateen akka ta’e Amnestii intarnaashinaal beeksisee jira. Dubbii himaan TPLF Yohannes Abraham himata bulchiinsii naannoo Amaaraa dhiyeessee fudhatama dhabsissanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG