Xurree ittiin seenan

Breaking News

Warrii Keenyaatti sanyii baadallaa KDV4 facaafatee bultii qaba


Sanyiin baadallaa ykn boqqooloo tun hidda gadi fageeffattee,qilleensa hamaallee dandamattee,lafaan wal fakkaattee guddatti

Namii biyya Afrikaa gama Bahtaatii fi Eezhiyaa baadaallaa ykn boqqoolloo, misingaa dabalee midhaan bona dandamatee bisaan diqqonon bahaa qabaachuu fedha.Fedhii qofaa mitii midhaan kun guddoo bara rakkoolleetti malkaa nama dabarsan.Saayintistootilleen mala warra baruma baraan laftii bona itti taatu tanaan qarqaaran falumatti jiran..

Warra Keenyaa ka sanyii bona dandamatti jedhan facaafatee jireenni nuu wayyaahe jedhu keessaa tokko maatii obbo Philip ka Magaalaa Machakos.Namii kun Keenyaa gama Dhiyaa qubata.Manii nama kanaa baran kana hin beelomne.Yoo namii beelahuu innii quufee bula.Mala jireennaa jabaa dhawate.

Sanyii midhaanii ta KDV4 jedhanitti akkana isaan gargaaree buluuniitti jiran.

Sayniin filatamtuun akkanaa haga gosa 20tti jira.Sanyiin baadallaa fi misingaa ta mala itti dhahanii jireenna namaatiin qajeelchuuf itti jirna hedduu.Dhaabii Keenyaa ta bona dandamattu irraa bitan Dryland Company jedhan. Qonnaan bulaa hedduutti mala kanaan jiraachuutti jira.Akkanaan jireenna isaanii wayyeeffachuutti jiran.

Gama kaaniin ammoo E.Waste ykn qaanqeen mi’a elektirii ykn elektirooniksii gatame keessaa baatu hadhaa hamaamtuu lafa keessatti uumtee qilleensa naannootii fi biyyeellee balleessiti.Biyyitii guddatte hedduun seera mi’a akka kompiyuuteraa,bilbilaa harkaa,faaksii fi waan hedduu gatame keessaa bahaa tohataniin qaban.

Mee qophii misoomaa tana MP3 irraa nuu caqasaa.

XS
SM
MD
LG