Xurree ittiin seenan

Breaking News

Weerarri Vaayrasii Kornaa Marsaa Sadaffaa Afrikaa "jiraa, dabalaas deeme"


Hojjattoota fayyaa manarra deemanii qorannoo COVID19 geggeessan, Darbaan, Afrikaa Kibbaa
Hojjattoota fayyaa manarra deemanii qorannoo COVID19 geggeessan, Darbaan, Afrikaa Kibbaa

Afrikkaa keessatii balaan kooviid 19 dambalii sadaffaa dabalaa adeemaa jirachuun isaa dhugaa akka ta’ee, dhaabata fayyaa adduunyaatti daarekteera afrikaa kan ta’an doktoor Matshhdisoo Moo’eeti , kamisa kaleessaa ibsa karaa toora masaritiitin kennaniin beekisisaniiru.

Akka moo’etiin jedhanti yemmuu biyyatan biroo lammilee isaanii warra dursi kennamuu qabuuf talaallii kennanii fixanii garaaa ijoolleeetii darbaa jiran kanati, biyyootan afrikaa garuu talaallii marsaa lammaffaa yuu namootan vaaresichaan qabamuudhaaf saxilaman waliin gahuu hin dandeenye.

Biyyootan namootan isaaniif talaallii kennanii fixan akka afirikaa gargaaran gaafataniiru Matshhdisoo Moo’eeti.

Karaa biraatiin haangawoon mootummaan biyyaa Xaliiyaan eenyuu yuu daangaa kamiinuu malee talaallii fudhachuu ni danda’a jedhanus baqattoonii biyyaa Xaaliyaanii keessa jiran talaallii koovid 19 fudhachaa akka hin jirree gaazexaann Niwu Yoork taayims gabaaseera.

Akka gaabbasin kun jedhutii Xaaliyaan keessatii talaalliidhaaf galmaa’uuf lakoofisi naageenyaa haasummaa (social security) barbachisadha. Hata’uu malee kutaa biyyaa xaaliyaanii 20 keessaa, saadii lakoofsaa yeroodhaaf gargaaruu danda’u kennuudhaan baqqtoonni kumaatamaan lakaawaman akka tajaajila talaallii argatan yaalaa akka jiran gaabaasin Niwu yoork tayims ibseera.

Prexidaantii jaarimiyaa hawaasa qorcha godaantota Xaaliyaani jedhamu kan ta’a doktoor Maarkoo Maazzeettii akka nowuw Yoork tayims ti himanitti namoonnii kun caalaan isaanii warra mana keessa ojjatanuudha. Vaayiiresii hojjatoota warra nu gaarigaaraa jiran kana keessa tatamsa’aa jiru yoo too’achuu hin dandeenye tatamsa’insaa biyya keessaa too’achuun rakisaa ta’a jedaahniiru Doktoor Maazzeettiin.

Kun ittuu Kanaan jiru Ministeerii fayyaa Indiyaa har’a akka jedhanitti sa’aatii 24 darban keessatii namoota 132, 364 irratii vaayiresichii yemmuu argamu namoonnii 2713 immoo du’aniiru.

Akka gaabaasa yuuniversitii joon Hoopkins ti lakkoofisii Indiyaa keessanti namoottan kooviid 19n qabamani miiliyoonii 28.5 gaheeraa. Yunaayitid isteets keessa nama miiliyoonii 33 tu qabame

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG