Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagantaan Nyaata Addunyaa Uummata Tigraay Miliyoona Tokkoof Gargaarsa Nyaataa Kan Hatattamaa Ittiin Ga’e Jedhe


Konkolaattota Dhabbata Nyaata Addunyaa naanoo Aguwaalaa, Tigraay, Caamsaa 8, 2021
Konkolaattota Dhabbata Nyaata Addunyaa naanoo Aguwaalaa, Tigraay, Caamsaa 8, 2021

Sagantaan nyaata addunyaa WFP erga baatii bitootessaa keessa naannoo Tigraay Kaaba gama dhiyaa fi godina gama kibbaaf nyaata raabsuu jalqabee qabee, gargaarsa nyaataa yeroo hatattamaa uummata miliyoona tokkoon ga’uu isaa beeksisee jira.

Kan umuriin waggaa 43 fi haati ijoollee torbaa Aster Beyene, sababaa walitti bu’iinsaan baatilee lama dura mana jireenyaaf midhaan isaanii qonnaa irra jiru dhabanii jiran. Isaanis namoota miliyoona tokko kanneen qamadii, atarii fi zayita WFP biraa wixata kaleessaa argatan keessaa ti.

Asteer akka jedhanitti hanga ammaatti midhaan xiqqoo holloota koo biraa argadhuunan jiraataa ture. Ganda baadiyyaa fagoo shire irraa fageenya km 50 irratti argamtu Adi Millen irraa kan ta’an aadde Asteer, amma garuu yoo xiqqaate beelaaf dararaa jiru irraa boqonnaa arganne jedhan.

WFPn uummata gandeen Sanaa kanneen 4,500 ta’aniif raabsii midhaanii marsaa duraa kan kenne yoo ta’u, kanas turban ja’atti yeroo tokko raabsa. Aadde Asteer akka jedhanitti WFPn ganda keenya Adi Millenf nyaata nuu fiduu danda’uu isaatti gammadeera, gandi keenya magaalaalee fi gabaawwan hedduu irraa adda cite ture jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG