Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wixinee Seeraa Manni Maree Murtii Seeraa Ameerikaa Baase Mormii Fi Deggersi Isa Mudatee Jira


FAAYILII - Mana Maree Yunaaytid Isteets, Kapitool Hiil
FAAYILII - Mana Maree Yunaaytid Isteets, Kapitool Hiil

Koreen hariiroo alaa mana maree murtii seeraa Yunaayitid Isteetis Itiyoopiyaa keessatti nagaa fi dimokraasiin akka babal’atuuf mata duree jedhuun dura taa’aa koree sanaa kan ta’an Seneter Robert Mendeziin kan dhiyaate wixineen seeraa s. 3199 jedhamu ilaalchisee raga baatota irraa dhaga’uuf har’a beellami kennamee ture.

Haa ta’u malee mootummaan Itiyoopiyaa rakkoo Itiyoopiyaa keessaa furuu fi Ameerikaa fi Itiyoopiyaan walii galtee wayyaawaa dhaan hojjetaa ennaa jiran kanatti wixineen seeraa kun mariif dhiyaachuun yaalii jiru kan gufachiisuu fi hariiroo biyyootii lamaanii kan miidhu ta’uu isaa fi qaamotiin dhimma isaa hordofan immoo seerri sun yoo raggaasisame Itiyoopiyaan gara nagaa fi dimokraasiitti akka adeemtu kan jajjabeessu ta’a jechuu dhaan deggersa qaban ibsaniiru.

Ministriin dhimma alaa Itiyoopiyaa tuuta oduuf ibsa kennee jira. Dubbi himaan ministrichaa ambaasaadder Diinaa Muftii wixinee seeraa HR 6600 jedhamu lammiiwwan Itiyoopiyaa biyyootii alaajiran akka morman waamicha dabarsaniiru. Wixineen seera sun jireenya lammiiwwan Itiyoopiyaa balaa irra buusa jedhan.

Gama biraan nagaa fi haqaa jedhamuuf garee Yunaayitid Isteetis keessaaf itti aanaa prezidaantii kan ta’an Mulugeetaa GerbreIgzaabeer, VOAf akka hibsanitti wixineen HR6600 fi S 3199 jehdamu lammiiwwan Itiyoopiyaa adabuuf kan qophaa’e miti jedhan. nageenya fiduu, waltajjii siyaasaa bal’isuu, marii biyyoolessaa hunda hirmaachise ka biyyattii keessaaf dhiibbaa gochuu akkasumas rakkoo biyyattii keessaa furuuf angawoonni cicha akka qabaatan dirqisiisuuf kan yaadame jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG