Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaarota Lama Handaara Waashingtonitti Walitti Bu'an Ilaalchisee Qorannaan Cimee Itti Fufee Jira 


Xayyaaronni Lama Handaara Waashingtonitti Walitti Bu'an Ilaalchisee Qorannaan Cimee Itti Fufee Jira 
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:50 0:00

Balaa xiyyaaraa as naannoo magaala Washingtoon Diisii bakka buufata Xiyyaaraa Reegan Naashinaalitii Roobii dheengadaa halkan rawaatee lubuu namoottan 67 galafateef waan sabba ta’ee qorachuun akka itti fufeeti jiraachuu qorattoonii beeksisaniiru.

Akka qorattonii dhaabilee adda adda irraa walitii dhufanii fi balaa kaanaa qorachaa jiran ibsanitti, meeshaan odeeffannoon keessa argamuu Black Box yookaan Saanduuqaa guraachaa jedhamee beekamuu kan xiyaaraa imaltootaa “Ameerikaan Eerlaayins” bishaan keesaa argamuu isaa beeksisaniiru. Boordiin nageenyaa geejiba biyyaleessa galmee ballanlii xiyaarotaa lammanii fi sagalee balalistootaa irraa dhaggahmaa tureefii waraabamee jiru walitii qabuudhaan dhimmaa balaa sanaaf sababa ta’e addaan basuudhaaf hojjatama akka jiru ibseera.

Kamisaa kaleessaa balaa kana ilaalchisee ibsa kan kenna prezidaantii US Doonaald Traamp wantii balla sanaaf sababba ta’e qacarii hojjatootaa irratti imaammataa baraa bulchiinsaa prezidaantii baarak Obaamaa fi Joo Baayiden tureedhaa jechuudhaan raga tokko malee qeeqanii, seeraawan akkataa hojii bara bulchiisaa Baarak Obaamaa ture hajaja haquu dabarsuu isaanii beeksisaniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG