Yaa’iin waliigalaa Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) inni marsaa 14ffaa Qibxata har’aa magaala Maqqalee galmaa Wareegamtootaa keessatti jalqabamee jira. Jalqabbii yaa’ichaa irratti haasaa kan taasisan dura taa’an dhaabbatichaa Dr. Debretsiyoon Gebremiikaa’el “yaa’ichii, ABUT diiguudhaaf garee hiirba dhabee jiruuf waan faalaa ta’eedhaa” jedhan.
Dr. Debretsion “ABUT diigamee jechuun waligalteen Pritooriyaa gatii akka hin qabne kan taasisuu, kun immoo uummata Tigraay waan balaa keesaa galchuudha” jedhan.
Kaara biraatin, prezidaantii bulchiinsa yeroo kan naanoo Tigraay fi itti aanaa dura taa’aa ABUT kan ta’an Obboo Geetaachoo Raddaa dabalaatee yaa’ichaa irratti akka hin hirmaanne kan beeksisan miseensonni koree giduu galeessa 14 ibssa baasaniin, “yaa’ichii warren garee tokko balaalefftan dhaabicha keessaa hari’uudhaaf kan karoorfateedha jedhanii, kunis uummata Tigraay waan gaaga’ama keessa galchuudhaa jedhaniiru.
Yaa’ii ABUT kana ilaalchisee ibsa kan baasee Boordiin Filannoo Biyyaleessa Ityoophiyaa, yaa’ichaaf akka beekuamtii hin kennine ibsee, murtoowaan yaa’iin kun dabarsus akka fudhatama hin qabne beeksisuun isaa barameera.
Dhimmaa kana irratti namoottan Sagaleen Amerikaa magaala Maqalee keessatti gaafate haala wal-dhabdeedhaan guutame kana keessatti yaa’iin taasifamaa jiru hoggantootaa fi miseensota dhaabichaa ,akkasumaas uumata Tigraay bakka lamatti kan gar gar qoodu akka ta’e ibsuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabsee jira.
Forum