Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaadannoo Balaa bara 1998 Imbaasii Yuunaaytid Isteets’ Ka Naayroobi fi Daar E Salaam irratti Dhaqqabe


Kaleessa balaa Alqaayidaan bara 1998 Imbaasiwwan Yuunaytid Isteets Naayroobi fi Daar E Selaam irratti geessise magaalaa Naayroobitti sirni yaadannoosaa gaggeeffamee ooleera. Sirna namoota balaa Kanaan miidhaman yaadachuuf qophaaye kana irratti maatiin namooti lubbun darbee akkasumas angawoonni mootummaa Keeniyaa fi ka Yuunaytid Isteets irratti argaaniiru.

Ganna digdama dura Alqaayidaan Imbaasiiwwan Yuunaaytid Isteetis gaanfa Afriikaa lama irratti balaa kana ka dhaqqabsiisee ture. Balaan kun ka dhaqqabee Imbaasiiwwan Yuunaytid Isteetis ka Naayiroobii fi Daar E Selaam irratti yoo tahu, yeros lubbuun namoota dhibba lamaa fi shantamaa ka darbe yoo tahu kuma shan ka ta’an ammoo miidhaan qaamaa irra gaheera.

Yeroo san Imbaasiin Yuunaaytid Isteets ka Naayiroobii ture balaa Kanaan guutummaa tti waan barbadaayeef lafaa bakka dhibiitti ijaaramee, iddoo balaan kun ta’ettis namoota lubbuun darbe yaadachuuf siidaan yaadannoo ijaarameera.

Waggaa wagganis namoota bakka kanatti miidhaan irra dhaqqabe yaadachuuf sirni yaadannoo gaggeeffamu kaleessa yeroo digdammaaf gaggeeffameera. Sirna yaadannoo magaalaa Naayirobiitti ta’e kana irratti maatiin namoota miidhaan irra dhaqqabee akkasumas angawootni mootummaa irratti argamaniiru.

Mrs. Tedd Jeenopoolis obboleetii isaanii alas Imbaasii Yuunaytid ISteetis keessa hojjetaa turte balaa Kanaan dhabde, haga harraa madaan kun laphee ishee keessaa akka hin badin dubbatti.

Ambaasaadder Goodeek, Yuunaytid Isteetis Afriikaa keessatti hojiin shorokeessumma akka hin baballanneef waan irraa eegamu ni raawwattillee jedhan.

Sagantaa kaleessaa kana irratti fiilmiin yaadannoo namoota balaa Kanaan lubbuun darbee fi miidhaman fi sagantaan adda addaas gaggeeffameera.

Yuunaytid Isteetis maatii namoota balaa Kanaan miidhamaniif yeros gumaa doolaara miiliyoona 42 kennitee turte.

Yaadannoo Balaa bara 1998 Imbaasii Yuunaaytid Isteets’ Ka Naayroobi fi Daar E Salaam irratti Dhaqqabe
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:18 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG