Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hokkaraa fi Yakka Qawween Gaggeeffamu Dhaabsisuu Qabna: Prez Baaydiin 


Prezidaant Joo Baaydiin Magaalaan Niiw York keessatti hokkara Qawween gaggeeffamuu dabalaa adeemuu isaan kan ka’e bulchaan magaalatti Eriik Adams gargaarsa gaafatanii jiru. 
Prezidaant Joo Baaydiin Magaalaan Niiw York keessatti hokkara Qawween gaggeeffamuu dabalaa adeemuu isaan kan ka’e bulchaan magaalatti Eriik Adams gargaarsa gaafatanii jiru. 

Prezidaant Joo Baaydiin Kamiisa kaleessaa gara magaala Niiw Yorkiitti kan imalan yoo ta’u, kunis hokkaraa fi yakka qawween gaggeeffamu ittisuuf bulchiinsii isaanii dhiibbaa haaraa kan taasisuu ta’u hubachisuuf ture.Qawwee hin galma’iin jiranis dhimmi kun kan ilaallatu ta’uun ibsamee jira.

Magaalaan Niiw York keessatti hokkara Qawween gaggeeffamuu dabalaa adeemuu isaan kan ka’e bulchaan magaalatti Eriik Adams gargaarsa gaafatanii jiru.

Ajjechaa dhaqqabaa jiru hundii keenya ijaan argaa jirra, ragaadhas jedhanii sadarkaa Federaalaatti, qawween akka magaala kana hin seennee gochuu hin dandeenye jedhan.

Kamiisa kaleessaa waajiira polisii magaala Niiw Yoork kan daw’atan prezidaant Baaydiin meeshaa seeraan ala seenan irratti hordoffiin taasifamuu akka qabu dubbatan.

Har’a abbaan alangaa mummichi qajeelfama kennaniin, abbootiin alangaa guutummaa Amerikaa keessa jiran hundumtuu, daangaa kutaalee fi magaalaalee irratti qawwee dhoksaan galan ittisuuf ilaalcha isaanii ka duraa gochuu akka qaban hubachiisan jedhan Baaydiin.

Bulchiinsii Baaydiin karoora sadarkaa guutuu biyyaa kan meeshaalee naannotti hojjatamanii fi lakkoobsa galmee hin qabne ittiin dhaqqabuun danda’amu labsee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG