Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaman Keessatti Hojjattonni Tokkummaa Mootummootaa Butaman


Kan wal waraansaan bututtee Yaman Kibbaa keessatti hojjatonni Tokkummaa Mootummootaa 5 butamanii fudhatamu Jaarmayichii Dilbata kaleessaa beeksisee jira.

Shananuu kan buutamanii fudhataman Jimaata dabree bulchiinsa yaman kibbaa bakka Abyaan jedhamu keessatti yoo ta’u hojii itti bobba’an xumuranii gara magaala buufata Donii Edeenti deebi’aa ituu jiranii ta’u dubbii himaan Tokkummaa mootummootaa Eri Kneko dhaabta oduu Ajaans Fraans Prees jedhamuuf ibsanii jiru.

Akka isaan gadhiifaman gochuuf Tokkummaan Mootummootaa aangawoota waliin itti dhiyeenyaan qunnamaa akka jiru Kanekoon ibsanii jiru.

Hojjattoota Tokkummaa Mootummootaa kana eenyu akka butee fudhate battalumatti ifa hin turre.

Edeen maadhee mootummaa yaman kan addunyaan beekkanno laatteef ta’uun beekamti.RakkooN gargaarsa dhala namaa kan Yaman keessaa isa addunyaa irratti hamaa ta’e jechuun waamamuu Kanaan namoonni Miliyoona hedduun manaa fi qe’e ofii irraa godaananii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG