Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Yemen kumaan Laka’aman Qe’ee Ofii IrraaBuqqa’anii Haala Hamtuu Keessa Jiru: UNHCR


UNHCR

Jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa uummanni kurna kumaan lakaamu Yemen kaaba marib keessaa biyya ofii keessatti qeee irraa godaane, haala hamtuu yeroo tokko tokkos haala lubbuuf sodaachisu keessa jiraatu jechuun Liissaa Shilaayin Jenevaa irraa gabaasteetti.

Magaalaa Marib toachuuf lolli ripxe loltoota Houtii fi humnoota mootummaa gidduutti geggeessamu uummata siivilii irraan miidhaa guddaa geessisaa jira.

Jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa dhiyeenya gamaaggama taasiseen gandeen buqqaatota 190,000tti tilmaamamu keessummeessaan akkaan muddamanii tajaajila fedhii buuuraa guutu hin qaban. Dubbi himtuun UNHCR Aikateriinii Ktitidii akka jedhanitti bishaan qulqulluu, maneen fincaanii, elektrikii fi keellaaleen eegumsa fayyaa meeshaaleetu itti hanqata.

Yaadawwan Ilaali (1)

XS
SM
MD
LG