Namoonni hedduun Yemen seenuuf jecha galaana diimaa fi galoo galaana Eden ce’u kan jedhan dubbi himaan dhaaba baqattootaa kan Tokkummaa mootummotaa ykn UNHCR Andrej Mahchech, baqattoota biyyoota gaanfa Afrikaa irraa ta’an kanneen kuma 43 caalan baatilee Arfan darban kan waggaa kanaa keessa Yemen dhaqqaban jedhu
Lakkofsa baqattootaa amma jiru kun yeroo wal fakkaataa bara darbe ture wajjin yeroo ilaalamu kuma 13 caala kan jedhu UNHCR Waggaa darbe baqattonni biyyoota gaanfa Afrikaa irraa yemen dhaqqaban walumaa gala kuma dhibba tokkoo fi kuma sadii turan.
Barana lakkofii kun guddatee isa bara darbee caala jedhame eegama. Yeroo ammaa baqattoota Yemen dhaqqaban Afur keessaa sadii lammiwwan Itiyoophiyaa ta’uu UNHCR ibsee jira.
Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggeffadhaa