Wayita Pireezidaanti Joon F. Kenedii Ajjeefameetti eegdoota isaa addaa keessaa tokko kan ta’e Kilint Hiil umurii isaa waggaa 93tti du’aan addunyaa kanarraa boqote.
Gaafa Sadaasa 22, bara 1963 pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Joon F. Keneedii Daalaas Teeksaas keessatti ajjeefamu eegdoota aadaa warra sekreet serviisii jedhaman keessaa tokko kan ta’e Kiliint Hiil wayita dhuukansi sun pireezidaantichatti dhuka’u konkolaataa Pireezidaantichaatti aanee kan jiru konkolaataa haati warraa Pireezidaantichaa keessa jirtu keessa turuu kan himeeru gaaffii fi deebii sagalee Ameerikaa waliin taasiisee tureerun akka oduu fuula koo duraa tamsaa’aa jiruutti hanga yeroo hundaa nan yaadadha jedhee ture Kiliint Hiil.
Bara 2011 tti gaafii deebii kan taasiise ture Hiil ajjeechaan pirezidaantichaa yeroo sanaa ammallee akka isa dhiphisu dubbatee ture. Waa’ee Ajjeechaa sanaa ifatti dubbachuuf Hiil waggoota Shantama itti fudhatee kan ture Umurii isaa waggaa 93 tti Onkolooleessa 21 darbe Kaalifoorniyaatti kan du’e.
Forum