Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yoo Hin Talaalamiin Jirtu Ta’e Deemaa Talaalamaa: Iyyata Baaydiin


Pirezdaantii Yunaaytid Isteets Joo Baayden
Pirezdaantii Yunaaytid Isteets Joo Baayden

Lammiwwan Yunaaytid Istees talaalii farra vaayrasii koronaa akka talaalaman kan irra deebi’uun haaraa iyyatan prezidaant Baaydiin, kanneen fudhatan immo talaalii daran humna qaamii namaa akka jabaatu taasisuu fi buustar jedhamu akka fudhatan gaafatan.

Baaydiniif gorsaan waa’ee fayyaa kan sadarkaa olaanaa akka jedhanti, vaayrasiin bifa jijjiratee yeroo ammaa haaraa argame Omiikroon jedhamu Amerikaa seenuun waan ooluu miti jedhan.

Prezidaant Baaydiin haasawaa gabaabaa Waayit Haawuus irraa dhageesisan Kanaan, Uummata Amerikaa hin talaalamiin jiran fi Miliyoona 60tti tilmaamamaniin, talaalii fudhachuuf hin harkifatiinaa jedhan.Yoo hin talaalamiin jirtu ta’e deemaa talaalamaa jedhan.

Garu sodaa vaayrasii haaraa bifa jijjirrate kanaaf jecha, daldalaa fi manneen barumsaa cufuun ammaaf barbaachisaa dha jedhee hin amanuu jedhan.

Vaayrasii haaraa amma argamee kana dura dhaabachuuf yaaliin ta’u of-qusannaa kan hin qabnee jedhan.Angawoonnii eegumsa fayyaa gama isaaniin, qorannaan saayinsii dabalataan gaggeeffamaa jiru irraa, kanneen talaalii fudhatan vaayrasii haaraa kana qaamnii isaanii of irraa ittiisa abdii jedhu qabu.

Vaayrasii haaraa bifa jijjirrate kun jalqaba kan argamee Afrikaa Kibbaa keessatti ta’uus amma garu biyyoota hedduu keessattiargamaa jira.Kanaaf jecha Wiixata dabree jalqabee Afrikaa Kibbaa fi biyyoota Afrikaa kanneen biroo 7 irraa balaliin xayyaaraa gara Yunaayitd Isteetsitti gaggeeffa dhaabatee jira.

Haayyuu gameessi waa’ee dhukkuuboota Daariqaa (Infeekshiin) Dr Antonii Faawchii Televiziyoona ABC jedhamuuf akka ibsanti, torban kana ykn torban lama keessatti, talaalii uummanni fudhate vaayrasii haaraa kana yoo ni ittiisa ta’e akkasumas vaayrasii haaraan hagam balaa geesisuu akka maluu ni barra abdii jedhu qabu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG