Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yukreen Looltonni Koo Gara Daangaa Raashaa Dhaqqaban Jetti


Loltoota addaa Yukireen waraqaa eenyumaa gaafachaa yeroo jiran, Kiharkiv, Caamsaa 16, 2022.
Loltoota addaa Yukireen waraqaa eenyumaa gaafachaa yeroo jiran, Kiharkiv, Caamsaa 16, 2022.

Yukreen waraannii ishee tarkaanfii faccisaa humnootii Raashaa kanneen kutaa Kharkiiv keessaa irratti fudhateen, daangaa Raashaan ga’u wiixata har’a beeksiiftee jirti.

Ministeerri ittisaa kan Yukreen vidiyoon maxxanseen looltoota koo kanneen jedhe daangaa irra ga’u agarsisuun, looltuun tokko immo prezidaantii Yukreen Voladmiir Zelenskiin, Kunoo iddoo kana geenye jedhee ennaa dubbatu agarsiisa.

Kana ilaalchisee mirkaniin argamee hin jiru.

Humnootiin Yukreen magaalaa gudditti biyyatti ishee lammaffaa kan taate Kharkiiv keessaa waraana Raashaa eega baasanii booda, naannoo kutaa sanaa deebisanii to’achuun naannoo amma Raashaan qabattee jirtu Izyum keessaa baaasuun kutaa Donbas gama bahaa irratti fulleefachu barbaadu.

Masaraan Kreemliin kan Raashaa Kiyeev, Kharkiv fi odeessaa achiis kutaa Donetsk fi Kutaa Luhansk qabachuuf abjootee turee jechuun gorsaan Zelenskii Tiwitarii irratti barreessanii jiru.Kanaaf Raashaan dhugaa jiru akka argiitu ibsan.

Prezidaant Zeleenskiin gama isaaniin Dilbata dabree galgala dhaamsa vidiyoo dabarsaniin, Raashaan Donbaas fi Yukreen gama kibbaa irratti haleellaa haaraa gaggeessuuf jirtuuf qophoofnee jirra jedhan.

Weeraratoonni amma iyyu karaa itti keessaa ba’u hin dandeenye keessa akka jiran akka jiran amanuu hin barbaanne kan jedhan zelenskiin, akka jecha weerartootaatti, duula addaa jechuun gaggeessaniinis kufaatii tu isaan mudatee jira jedhan.

Raashaan akeekkachiisa Wiixata har’a laatteen, Fiinlaand fi Swiidiin gurmuu Neetootti dabalamuu taanaan, daafoo lafa dheeraa dhaqqabuutu isaan eeggata jette.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG