Vaayiresii koronaa ilaalchisee kutaalee Yunaayitid Isteetis hanga tokko keessatti shakkiin talaallii vaayiresii koronaa guddaa ta’us akkasuma vaayiresiin gosa haaraa hammaataa adeemus bulchiinsi Baayiden ayyaana Adoolessa 4 kan waggaa kana kabajame fi vaayiresii koronaatti duuluu ilaalchisee milkaa’ina galmeessisee jira.
Adoolessi 4 guyyaa Yunaayitid Isteetis ayyaana walabummaa itti kabajje dha. Ayyaana yaadannoo hundeeffama biyyattii kan waggaa 245ffaa. Waggaa kana, addaan cite kan ture maatiin walitti dhufee ayyaaneffannaan hawaasaa deebi’ee haara’ee jira. Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayidenii fi giifiti duree Jiil Baayiden namoota yeroo balaa dursanii birmatan 1,000 fi angawoota waraanaa White Housetti affeeruu dhaan irbaata waliin qooddachuun, kan waggaa waggaan ennaa ayyaana walabummaa geggeeffamu agarsiisa xaaxee bakka itti dhyoo jiru National Mall jedhamu irraa daawwataniiru.
Niw Yoork keessaa xaaxeewwan 65,000 halkan edaa xaaxeffamuuf dhiyaatanii jiran. Haawaasaaleen gurguddaa fi xixiqqoon guutummaa biyyattii argarsiisa ofii isaaniif galgala kaleessaa xaaxee xaaxessuu dhaan kabajanii jiran. Maatiiwwan hedduunis boroo ofii isaaniitti wal ga’uu dhaan firoottanii fi hiriyoottan baatii hedduuf wal hin argin turan waliin wal ga’anii jiran. Kaan isaanii erga vaayiresiin koronaa Yunaayitid Isteetis keessatti argame baatii Bitootessa bara 2020 qabee wal hin argin jiru.