Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Leellistoota Islaamummaa Kanneen Somaaliyaa Keessaa Samii Irraan Haleelte


Faayilii - Loltoota Alshabaab Moqaadishoo keessatti, Bara 2009
Faayilii - Loltoota Alshabaab Moqaadishoo keessatti, Bara 2009

Waraanni Yunaayitid Isteetis Somaaliyaa naannoo Puuntlaand qilleensa irraan haleeluu dhaan leellistoota Islaamummaa torba ajjeesuu gabaasee jira.’

VOA sagantaan Afaan Somaalee duraan akka gabaasetti haleellaan qilleensa irraan kaleessa geggeessame jedhee ture. Angawoonni naannoo fi kanneen ijaan argan VOAf akka ibsanitti humnoonni naannoo leellistoota Islaamummaa kanneen Turmaasaalee fi Amaayiraa kanneen gaarreen ganda Timirsh kan Bosaasoo irraa fageenya km 140 irratti argamu irratti dula geggeessan.

Ibsi har’a waaltaa ajajaa Yunaayitid Isteetis kan Afriikaa biraa ba’e akka jedhutti haleellaan samii irraan geggeessame sun haleellaa leellistoonni Islaamummaa michoota isaa irratti geggeesse ijaa ba’uuf jecha. Itti aanaa daayiriktera AFRICOM kan ta’an Birgaadeer Jeneraal Miguu’eel Kastelaanoos akka jedhanitti gareelee shororkeessotaa irra dhiibbaa keenyu duula isaanii addaan kutuu dhaan michoota keenya Somaaliyaa deggeruu itti fufna jedhan.

AFRICOM akka jedhetti haleellaa samii irraan raawwatame kan miilanaatiin siiviilonni miidhaan irra ga’e ykn du’an hin jiran. Haleellaan Yunaayitid Isteetis waggaa kana Somaaliyaa keessatti geggeessite kun isa 42ffaa yoo ta’u humnootii leellistoota IS irratti ka fuuleffate garuu isa jalqabaa ti.

Angawoonni Puuntilaand ibsa ofii baasaniin leellistoota IS 20 ennaa duula sa’aatilee 48 naannoo Barrii gama bhaa keessatti ajjeesuu beeksisanii jiru. Puuntlaand akka jedhutti leellistoonni gameeyyii fi loltuu gameessi tokko kanneen duula sanaan du’an keessaa ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG