Waraanni Yunaayitid Isteetis, haleellaan misaayila ripxe loltoota Hutii kanneen Yemen irratii irratti raawwataa jiru kanatti i, Tokkummaa Emireetoa Arabaa gargaaruuf jecha meeshaa misaayila mancaasuu fi jeettiiwwan wraanaa gmasitti erga jirti.
Ministriin ittisaa Yunaayitid Isteetis Lloyd Austin, sochii kana kaleessa dhaaltuu gonfoo Abu Daabii Mohammed Bin Zayed Al Nahiyaan waliin mari’ataniiru.
Ibsi Pentagon biraa ba’e, meeshaan misaayila mancaasu humna galaanaa waliin ta’uu dhaan Abudaabii utuu hin ga’in dura wal ta’uu dhaan akka hojjetamu ibsee jira.
Ministrichi itti dabaluu dhaan yaaddoo amma jiru ittisuuf jeetytiiwwan waraanaa bobbaasuuf murteessuu isaanii fi Yunaayitid Isteetis Tokkummaa Emireetota Arabaa waliin michummaa tarsiimoo yeroo dheeraa qabaachuu isee agarsiisuuf jechuu dhaan Mohammad Bin Zayediif ibsaniiru.
Haleellaan ripxe loltootaa kan Amajjii 17 hojjettoota alaa kanneen keellaa boba’aa Abu Daabii keessaa galaafatee jira. Torban tokko boodas humnoonni Tokkummaa Emireetota Arabaa fi kan Yunaayitid Isteetis misaayila Houtii lama mancaasanii jiran.