Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Muddamni Raashiyaa fi Yukireen Gidduu Akka Tasgabbaa’u Gaafatte


 Pirezdaantii Raashiyaa Vilaadmir Puutin, Mudde 1, 2021.
Pirezdaantii Raashiyaa Vilaadmir Puutin, Mudde 1, 2021.

Angawaa gameessi ministrii ittisaa Yunaayitid Isteetis tokko, Washington yoo daangaa Yukireen waliin wal daangessu irratti waraana guddaa walitti qabuutti kaateef tarkaanfii fudhachuun yoo barbaachise, Washington qofaa hin taatu jedhan.

Ministeerri ittisaa Lloyd Austin kamisa har’aa wal ga’ii angawoota Kooriyaa kibbaa waliin See’ool keessatti marii geggeessan irratti akka dubbatanitti, Washngton attamiin tarkaanfii akka fudhatu tilmaamuu baatanis, Mooskoon tuttuqqaa Yukireen irratti ooftu keessatti Yunaayitid Isteetis qofaa ishee akka hin taane hubachuu qabdi jedhan.

Austin gita isaanii kan Kooriyaa kaabaa waliin ta’uun tuuta oduuf ibsa kennaniin, “hojii nuti hojjennu akka qaama hawaasa addunyaa ti” jedhanii, prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putin, dubbii nannoo jiru akka qabbaneessan waamicha dabarsaniiru.

Ministeerichi ittisaa Yunaayitid Isteetis itti dabaluu dhaan, waa gariin garuu weerara arguu dhabuu keenya jechuu dhaan waraanni guddaan ka Raashiyaa naannoo daangaa irratti argamuu qofaatu qaama rakkoo sanaa ta’uu dubbatan. Odeeffannoo hamtuu nuti dhageenyu, prezidaanti Voldoomir Zelenskii tattaaffii bulchiinsa isaanii dadhabsiisuuf taasisamu ilaalchisee yaaddoo qaban ibsuu isaanii ti jedhan Austin.

Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken, gitoota isaanii NATO waliin roobii Latiivaa keessatti ennaa wal argan, Yunaayitid Isteetis yoo barbaachise Raashiyaa irra uggura dinagdee ka’uuf qophee ta’uu ishee akeekkachiisaniiru.

Angawoonni Yukireen akka jedhanitti Raashiyaan kan bara 2014 keessa seeraan ala qabatte daangaa Kirmemiyaa irratti yoo xiqqaate loltoota 90,000 walitti qabdee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG