Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Raashiyaan Yakka Waraanaa Raawwachuun Isee Mirkana Jette


Yunaayitid Isteetis Raashiyaan Yakka Waraanaa Raawwachuun Isee Mirkana Jette
Yunaayitid Isteetis Raashiyaan Yakka Waraanaa Raawwachuun Isee Mirkana Jette

Yunaayitid Isteetis miseensonni waraana Raashiyaa erga ji’a darbe Yukireeniin weeraranii booda, yakka waraanaa raawwachuu isaanii xiinxaluu dhaan kanniin badii dalagan seeratti akka dhiyeessitu dhaadattee jirti.

Raashiyaan mannii siivilotaa magaalaalee Kiiyiiv fi magaalaalee Yukireen ka biroo haleeluu ennaa itti fuftee jirtu kanatti angawoonni ministrii dhimma alaa haleellaalee kana Yakka waraanaa ti jechuu dura galmeelee fi qorannaatu barbaachisa jedhan.

Ambaasaadderri Yunaayitid Isteetis Beth Van Shaack haqa yakka hojjetamu kan addunyaa irratti fuuleffatan. Torban darbe senetii dhaan aangoo isaanii kan mirkanaa’e Schaack, hojii jalqabanii guyyaa lammaffaa isaanii irratti labsii barbaachisaa ka beeksisan qabu turan. Xiinxalli of eeggannoon guutame amma geggeessameera jedhan.

“Har’a gara ganamaa, ministriin dhimma alaa Bilinken ragaalee yeroo ammaa irratti hundaa’uu dhaan Mootummaan Yunaayitid Isteetis humnoonni Raashiyaa Yukireen keessatti yakka waraanaa dalaguu isaanii xiinxaluu isaa labsanii jiru jdhan.

Van Schaack akka jedhanitti Yunaayitid Isteetisii fi michoonni ishee suraalee humnoonni Raashiyaa hospitaala dubartoonni keessatti dha’anii fi muuziyemii fi manneen barnootaa aartii dabalatee naannoo siviilotaa kan Maripool keessaa haleeluu isaanii mul’isutti rifatanii jiran jedhan.

Viidiyoowwan hospitaalonnii fi keellaaleen ummataa boombiin haleelamuu isaa mul’isu jiraatus, Raashiyaan beekaa siivilota irratti hin fuuleffanne jechuun haaltee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG