Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Yunaayitid Isteetisii fi Awrooppaa Weerara Raashiyaa Dura Dhaabbachuuf Walii Galan


Pirezdaant Joo Baayiden hoggantoota Awrooppaa wajjin dhimma Raashiyaa fi Yukireen wajjin Waayit Hawusi irraa marii godhan, Amajjii 24, 2022
Pirezdaant Joo Baayiden hoggantoota Awrooppaa wajjin dhimma Raashiyaa fi Yukireen wajjin Waayit Hawusi irraa marii godhan, Amajjii 24, 2022

Yunaayitid Isteetis loltoota ishee 8,500 Awrooppaa qabdu kan Yunaayitid Isteetis rakkoo daangaa Raashiyaa fi Yukireen gidduu jiru hammeessiti jedhan irra deebi’uun tuuta oduuf ibsuu dhaan.

Prezidantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden kaleessa waaree booda dhimma Raashiyaan Yukireeniin weeraruu maltu ilaalchisee yaaddoo jiru mari’achuuf jecha hoogganoota gamtaa Awrooppaa ijoo waliin gama viidiyoon marii geggeessanii jiran.

Hoogganoota Awrooppaa, gamtaa Awrooopaa waliin marii baay’ee gaarii ta’e kan irratti walii galamee fi cufataa ta’e geggeesseen jira jechuu dhaan Baayiden tuuta oduuf ibsaniiru.

Waajjirri muummicha ministeeraa Briteen kan Booris Joonsen ibsa yaada xumuraa Baayiden deggeru baasuu dhaan, hoogganoonni kun fincila Raashiyaa hammaataa adeeme dura dhaabbachuuf tokkummaan addunyaa barbaachisaa ta’uu isaa irratti walii galanii jiran.

Baayiden meeshaa waraanaa fi angawoota waraanaa daangaa Raashiyaatti dhiyootti erguuf dhiisuu hin murteessin jiru. Ministriin ittisaa kan Yunaayitid Isteetis Lloyd Austin loltoota waraanaa 8,500 Awrooppaa gama bahaatti bobbaasuuf qopheessanii jiran.

White House marii geggeessameen booda ibsa baaseen, hoogganoonni kun Yukireen irra kan ga’u weerara Raashiyaa ittisuuf tattaaffii waloon taasisan irratti mari’ataniiru. Tarkaanfiiwwan kunis daafoo hamaa kan qabu uggura dinagdee cimaa Raashiyaa irra kaa’uu of keessaa qaba.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG