Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteets fi Jarman Dhimma Yukireen Irratti Maryatan


Prezidaantiin yunaayitid Isteet Joo Baayiden  fi Chaansileeriin jarman Oolaaf Schoolz ibsa kennan, Waashingitan, Guraandhala 7, 2022

Dhimma Raashaa fi Yukireen irratti waashingiteen keessatti kan marayachaa turan Prezidaantiin yunaayitid Isteet Joo Baayiden fi Chaansileeriin jarman Oolaaf Schoolz yoo Raashaan Yukireeniin weererte halli akka kanaa duraatti akka adeemuu hin dandeenye walii galtee irra gahuu isaanii ibsii Waayit Haawus irra bahe beeksiseera.

"Waa’ee walta’insaa keenyaa irratti Chaansileerii wajjin maryaneera ."kan jedhan Joo Bayiiden yoo Raashaan yukireeniin wereerte qoqqobii cimaa fudhachuu irratti akka waliin dhaabatan himanii jarmanii fi biyoottan Awurooppaa Yunaayitid Isteets wajjin dhaabachuu isaaniitif galateeffataniiru.

Chaansiler Oolaaf gama isaaniitiin marii isaanii booddee yaada kennaniin , akka tokko taanu, akka waliin sochoonu, hiryoottan keenyaa Amerikaanotatti himneera. Tarkaanfii barbaachisaa ta’e hundaa waliin fudhana >> jechuun isaanii gabasameera.

Akka gabaasoonii jedhanitii wa’ee ujummoo gaazii boba’aa issaa kiwubiik Meetirii Biiliyoonii 55 Raashaa irraa garaa biyyottan Awurooppaatti dabarsuu ilaalichisee Joo Baayiden yoo Raashaan yukireeniin weerete akka Raashaan gaazi ishee hin erginee akka taasisan dubbatanii jiran.

Dhimma gaazii kana irratti Chaansileriin Jarman wantii jedhan jiraachuu baatus, Hogantuun biyya Jarman duraanii Anjelaa Meerkel wa’ee ujummoo gaazii sana irratti Yunaayitid isteets wajjin akka walii hin galle gabasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG