Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteets Itiyoophiyaatti Ambaasadara haaraa ramadde


FAAYILII - Imbaasii Yunaaytis Isteetis, Finfinnee
FAAYILII - Imbaasii Yunaaytis Isteetis, Finfinnee

Yunaayitid Isteets Ambaasadara ishee kan Itiyoophiyaa Geetaa Paasii nama biraatiin akka bakka buuftu beeksisteti.

Ibsii waajiraa dubbii-himaa ministeeraa dhimaa alaa Yunaayitid Isteets irraa bahe akka jedhutti Ambaasadar Geetaa Paasii waan soorama bahu barbaadaniif bakka isaanii Ambaasadar Treesiic Ann Jakobson akka bu’an ramadamaniiru.

Sadarkaa Charge d’afaairs ykn ojii raawwachiiftuutti kan ramadaman Ambaasadar Jaakobson Kanaan duraa Kosovo, Tajikistaani fi Turkemenistaan keessatti Ambaasadara ta’anii ojjataniru.

Rakkina nageenyaa yeroo ammaa itiyoophiyaa keessa jiruun walqabatee, dhimmoottan waldiineffachuudhaan wal ilaalu fi hokkoraa mirga namoomaa irratti raawwachaa jiru dhaabuu fi haala gargaarsa namoomaa hin daanqamnee mijeesuu irratti hojii Ambaasadar Geetaa paasii Ojjachaa turan Ambaasader Jakobsonis akka itti fufan beekiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG