Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteets Keeniyaa fi Moorookoo gargaarte


FAAYILII - Hojjataa UNICEF qarqaarsa wajjin, Hagayya 23, 2021
FAAYILII - Hojjataa UNICEF qarqaarsa wajjin, Hagayya 23, 2021

Yunaayitid Isteets Keniyaa fi Morokoodhaa tallaalli farra Kooviid 19 gosa Pfizer doozii miiliyoonii 2 akka erguuf murteeste beeksisteetti.

Haanga’aan Waayit haawus VOA ti dubbatan , gargaarsaa kanaa ummata keeniyaa fi Moorookoof gochuu keenyaaf hedduu gammanna jedhaniiru.

Itti gaafatamtuun dhimma preesii waayit haawus Jeen saakii Yunaayitid isteets tallaali farra kooviid 19 doozii Miiliyoonii 400 biyyoottan 112f arjoomuu ishee himanii , gargaarsaa tola kennamuu kana al 4 ol taasisuudhaan biyyaa kamiinuu caalaa yunaayitid isteets fedhii ishee akka agarsiifte ibsaniiru. Akka jee psaakiin jedhaniti yunaayitid Isteets biyyoottan tallaalii biyyaa ofii keessatii homoshachuu akka danda’anu yaalii taasifamaa jiruu deggeruudhaaf fedhii qabdi.

Gargaarsaa amma taasifamee keessaa Keniyaan doozii 517,140 Moorookoon immoo Doozii 1, 599,390 kan fudhattu yemmuu ta’u talaallin kunis kan raabsamuu karaa dhaabbataa COVAX jedhamun akka ta’e gabasaameeraa.

Akka gabaasa dhaabataa fayyaa adduunyaatti, Jiraattotaa miiliyoonii 54 kan qabdu Keeniyaa keessatti namoonnii 320, 000 Vaayirasii Koronaatiin qabamani,i namoonnii 5,558 jalaa du’aniiru.

Jiraattotaa Miiliyoonii 37 kan qabduu Moorookoon, lammiileen ishee Miiliyooniin 1 fi 100.000 Vaayireesichaan qabamanii lubbuun namoota 15,167 darbeeraa.

Amma ammaatii lammileen Afrikaa tallaalama dhibeentaa 10 qofa yemuu ta’an doktoorotaa fi narsootaa dabalatee amma ammaatti adduunyaa irratti namoonii Biiliyoonii 3 ta’an talaalli hin argganne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG