Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitied Isteets Tajaajiila Eeguumsa Fayyaa Itiyoophiyaa keessaa gargaaraa jirti.


Dhimmootii eegumsa fayyaa ka Yunited Isteets irratti,Waayiit Haawuus keessatti gorsaa waa’ee bajataa kan ta’an Dr.Zikiyeel Imanuuweel baatii darbe Itiyoophiyaa keessatti daw’annaa gaggeesanii turan.

Mootummaan Yunaaytid Steetes sagantaa tajaajiila eegumsa fayyaa adunyaaf qabu kan Globaal Heelz Inisheetiv jedhamun, biyyoota jijjirama guddaa fidu jedhe filatee keessaa, Itiyoophiyaan tokko.Kana jechuun immo Itiyophiyaan toora tajaajiila eegumsa fayyaan Amerikaa irra deggersa maallaqaa, meeshalee adda addaa,ogeessootaa fi kanneen biroo barbaachiisoo ta’an argatti jechu dha.

Itiyoophiyaan dhukkuboota daddarboo to’annaa jala oolchuuf hojii karaa hojjatoota eksiteenshinii fayyaan gaaggeesitu kan galateffatan Dr.Ziliyeel Imanuuweel,
Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti godina Oromiyaa kan taate Baatii daw’atan. Itiyoophiyaan hojjatoota eksitenshinii fayyaa kuma 32 leenjiistee gara gandeen baadiyyaatti bobbaasuun heddu gargaaruu isaa dubbatanii, aanaalee daw’atan Ammayya fi Wancii keessatti tajaajilli ittisa dhukkuba Busaa fi wal'ansi kennamuun akka lakkoofsii namoota dhukkuba Busaan qabamanii harka 90n gad bu’u taasisee jira, jedhu - aangawaan Yunayitid Isteets kun. .

Gama kaaniin immo,Qulqullinni tajaajiila eeguumsa fayyaa Itiyoophiyaa keessaaa yaaddessaa ta’uu hin dhoksine.Tajaajiila eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa keessaa gufuuwwan gurguddaa mudatanii akka jiran eeranii, kanneen keessaa tokko caasaan bu’uraa dhabamuu, jedhan. Kana jechuun buufata fayyaa, Hospitaaloota akkasumas Doktorotaa fi Nersootaa jechuu otuu hin taane kanneen biroon akka Daandilee, bishaan, ibsaa fi tajaajiiloota kana fakkaatan jiraachuu dhabuun, tajaajila silaal wirtuleen fayyaa akka kennan eegamanitti danqaa ta’ee jira, jechuun kan ibsan Dr. Zikeel Imaanu'eel ka biraan immoo wanni barbaadamuu yeroo yerootti dhiyaaachu dhabuu akka tahe dubbatu.

Lakkoofsi Doktoorotaa, Neersootaa fi kanneen biroos dabaluu akka qabu, kanneen muxannoo qaban yeroo biyya gadhisanii deeman, kan biraa iddoo busuuf leenjii foyya’ee kennuun barbaachisaa akka tahe ibsan. .Maraafuu mootummaan Yunaaytiid Isteetes Itiyoophiyaaf gargaarsa guddaa kan kennu ta’u Dr Zikiyeel Imanuuweel ibsaniiv jiru.

Tajaajiilawwan eegumsa fayyaa jiran keessatti, dhukkuba Busaa, HIV EDSII,akkasumas kunuunsa haadhotaa fi da’immanii ilaalchis ee, hojiin odeeffanno walitti qabuu kan amma Itiyoophiyaa keessatti sadarkaa booddetti hafaa irra jiru fooyya’uu akka qabu dhimmoota fayyaa ilaalchisee Waayit Haawus keessatti gorsaa waa’ee Bajataa kan ta’an Dr zikiyeel Imaanuweel hubachisanii jiru.

MP3 tuquun gabaasa guutuu dhaggefadhaa.

XS
SM
MD
LG