Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteetes Prezidaantii 46ffaa Muuddee Jirti


Bara bulchiinsa prezidaant Obaamaa itti aanaa isaanii kan turan Joo Baaydiin Roobii Amajjii 20 bara 2021 kakatanii aangoo prezidaantummaa qabatanii jiru.Muudamnii isaa ka baranaa kun isa kan yeroo biraa irra adda ture.

Torban lama dura ba'ii filannoo prezidaantummaa baranaa ka morman prezidaanticha duraanii Donaald Traamp kanneen deggeran gamoo waajiira mana maree bakka bu'oota uummataa cabsanii eega seenanii hokkara uumammeen lubbuun namoota 5 darbee jira.

Sana booda eegumsii magaalaa Waashingtan Jabaate.Sodaa nageenyaa fi weerara dhukkuba Koviid-19 kan ka'e uummanni akka duriitti kumaantamaan lakka'amu ba'e sirna muudama prezidaant Baaydiin irratti hin argamne.

Kamaalaa Haariis dubartii adii hin taane fi hidda dhalata Hindii qabdu kan yeroo duraaf aangoo itti aantuu prezidaantummaa Amerikaa muudaman ta'anii jiru.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Yunaaytid Isteetes Prezidaantii 46ffaa Muuddee Jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:58 0:00


XS
SM
MD
LG