Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteetes Qondaala Waraana Iraan Ajjeefamu Ibsitee Jirti


Yunaaytid Isteetes haleellaa samii irraa gaggeessiteen waraana waardiyyoota warraaqsaa Iraan jedhamuuf aangawaa hogganan ajjeefate.

Tarkaanfiin Iraan irratti fudhatame kun Amerikaa irratti tarkaanfiin daafoo hamaa akka irratti gaggefefamuuf karaa bana.

Ministriin ittisaa kan Yunaaytid Isteets Kamisa kaleessaa galgala ibsa baaseen ajajaan waraanicha Iraan kan ta’an Jeneraal Qassem Soleimani ajjeefamuu mirkaneessee jira.

Haleellaan kunis ajaja prezidaantii Amerikaa Donaald Traampiin ta’uU ibsee jra.Haleellaan kunis “ hojjattoota ykn humnoota Yunaaytid Isteets kanneen biyya alaa keessa jiran oolchuuf tarkaanfii murteessaa fudhatame jedhamee jira.

Jeneeraal Soleimaniin Diploomaatootaa fi waraana Amerikaa Iraaq fi kutaa sana keessa jiran haleeluuf karoora baasaa turan jedha ibsii ba’e.

Haleellaan Amerikaa kun haleellaa Iraan gara fuula duraatti gaggeessuuf karoorfatte dhaabuuf kan fudhatame jedhamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG