Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteets Sudaaniin Toora Shororkeessummaa Irraa Kaasufi


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Prezidaant Doonaald Tramp kaleessa fuula tweeter isaanii irratti barreessuu dhaan "oduu gaarii" jechuu dhaan mootummaan Sdaan haaraan fooya’ina gaarii argamsiisuu dhaan lammiiwwan Ameerikaa kanneen shororkeessummaan miidhaan irra ga’eef hirpha doolaara miliyoona $335 baasuuf walii galan jedhan.

Yunaaytid Isteets Sudaaniin Toora Shororkeessummaa Irraa Kaasufi
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:42 0:00

Maallaqi sun erga baafamee booda Sudaaniin toora biyyoota shororkeessummaa keessummeessan irraan haqa jedhan. Dhuma irrattis haqi lammiiwwan Ameerikaaf Sudaaniif immoo tarkaanfii guddaa dha jedhan.

Tarkaanfiin kun Sudaan dinagdee biyya ishee guddisuuf kan dandeessisu liqaa sadarkaa addunyaa fi deggesa deebitee akka argattu taasisa.

Itti dabaluu dhaanis bulchiinsi Tramp biyyoonni Arabaa Israa’eliif beekkannaa akka kennan waan barbaaduuf Sudaan Israa’el waliin hariiroo diplomaasummaa akka tolfattu daandii saaquu danda’a. Bulchiinsichi walii galteewwan akkasii tokkummaa Emireetota Arabaa fi Baahireen waliin mijeessee jira.

Muummichi ministeeraa Sudaan Abdallaa Hamdook ergaa tweeter kaleessa barreessaniin Trampiin galateeffatanii Sudaan toora biyyoota shorokeessummaa keessummeessan irra jiraachuun miidhaa guddaa fiduu isaa dubbtan. Uummati Sudaan qaruma shororkeessummaa kan hin deggerre ta’uu isaaf tarkaanfiin Ameerikaa biyyattiin gara dimokraasiitti akka ceetu gargaara jedhan.

XS
SM
MD
LG