Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummanni Kutaa Ayowaa Sagalee Kenne


Hillary Clinton
Hillary Clinton

Republikaantichi Senatorri Ameerikaa Ted Cruz kutaa akkaan falmisiisaa ta’eef filannoo presidentummaaf murteessaa ta’e Aaywaa keessatti dorgommii geggeessaniin dureessicha Ameerikaa Doonaald Traampiin injifatanii jiran. Ministrittiin dhimma alaa US duraanii Hillary Clinton fi senetorichi kutaa Vermont Bernie Sanders dorgommii isanaii gamasitti geggeessaa turan sagalee akkaan walitti dhiyoo yoo argatan argachuun xumuran.

Ted Cruz
Ted Cruz

Ted kruuz erga injifatanii booda hasawaa dhagesisaniin waaqayyo kutaa Aayiwaa haa eebbisuu jedhanii injifannoon galgala kanaa kan uummata sadarkaa gadii irra jiruu,kan yaada irratti cichitoota guutummaa kutaa Aayiwaa akkasumas kan guutummaa biyyatti guddoo kanaa ti jedhan.

Dorgommii kana baatileef dursaa kan turan Donaald Traamph lammaffaa ta’uun dorgoommii itti aanu kan Neew Hamshayeerf darban. Senatarri Floridaa Markoo Ruubiyoo sagalee uummataa kan ajaa’ibsisaa ta’een sadaffaa ta’an.

kaadhiimamtoota paartii Dimookraatotaa kan ta’an Hilarii Klinton fi Bernii Saandars giddutti dorgommiin gaggeeffame sagalee uummataa lakkofsaan walitti dhiyeenya qabuargamsisee.

Lameenuu akka injifannootti ilaalla jedhan. Hilariin akka jedhantti Kun hegeree paartii Dimokraatotaa fi kan yunaaytid Isteetesf nama barbaachisu kan agarsisee ture jedhan.

Kutaa Neew Haampshaayeer keessatti Hilarii caalaa sagalee uummataa waanin qabuuf gamasitti qajeeluuf qophii ta’uu dubbatan Barniin.

Dimokraatootaa irraa kan ta’an Maartin O’maalii fi gama Ripaablikaanootaa irraa immoo Maayk Haakabii duula na filadhaa gaggeessan keessaa ba’uu isaanii beeksisanii jiru. Kanneen hafan kibxata dhufu Kutaa Neew Hamshayeer keessatti dorgomuuf jiru.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:40 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG