Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsiitii Maqalee Keessatti Hiriirrii Barattootaa Humnootii Nageenyaan Diigamee Jira


FAAYILII - Karraa Yunversiitii Maqalee, Naannoo Tigraay
FAAYILII - Karraa Yunversiitii Maqalee, Naannoo Tigraay

Barattonni Yunivarsiitii Maqalee kanneen silaa barana eebbifamuu qaban, hiriirri gaggeessan kun humnootii nageenyaan akka bittinnaa’an ta’e jira. Hiriitoonni 10 hidhamuu isaanis barattonni ibsanii jiru.Sababa wal waraansa gaggeeffameen kan ka’e yeroo itti eebbifamuu qaban irraa waggaa lamaan duubatti kan hafan ta’u iyyu baranas kan hin eebbifamnee ta’u Yunivarsitii waan murteesseef, barattonni hiriira mormii kan gaggeessan.

Waajirri poliisii magaalaa Maqalee gama isaan, hiriira kana bulchiinsii magaalaa kan hin beeknee waan ta’eef humnaan akka faca’an taasiifne jedhee,Hiiriirtoota tasgabii dhabiinsa uumuufa yaalan qabnee dhimmi isaanii qorataa jirra jechuu bira dabree , meeqa akka ta’an hin ibsiine. Barattuun maqaan ishee akka hin ibsamnee gaafatted fi kanneen hiriira kana qindeessan keessaa tokko ta’u ishee dubbatte akka jetteetti, rakkoon kun akka furmaata argatuuf baatii lamaaf fi walakkaaf gaafataa akka turan, hogganni Yunivarsitichaa garu, gaaffii keenyaaf deebii ta’u qabu kennuuf eyyamaa hin taane jettee jirti.

Hiriira kana irratti barattoota dhaadannoolee baatanii turan reebuu isaanii fi rasaasa dhukaasuun addaan nu diigan jette. Hiriirtonni dhiibbootaan laka’aman har’a humnaan akka facaanu ta’uus gaaffiin keenya itti fuufa jechuun ibsitee ti.

Yunivarsiitii Maqalee keessatti dhaabbata Teeknooloojii Itiyoophiyaaf itti aanaa daayreekteera kan ta’an Dr Haayla kiroos Sibhaatu, gaaffii barattootaa kana akka beekan ibsanii, hanga baatii waxabajitti barnoota isaanii hafee xumuuranii, qormaata ittiin ba’an fudhachuuf yeroo dandeesisuu qabu jedhan.Ministiin barnootaa immoo barattoota qormaata isa dhumaa fudhatan qofa eebbisiisaa jechuun qajeelfama kenneera jedhan. Yuniivarstiin Maqalee dhimmi kana ilaalchisee ministrii barnootaa waliin dubbachaa akka jiru ibseera. Dhimma kana ilaalchisee ibsa dabalataaf ministrii barootaa argachuuf carraaqqiin taasiifne hin milkoofne jechuun Muuluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG