Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitiin Jimmaa Gosa Barnootaa Ittiin Leenjisu Yeroodhaa yerootti Babal'isaa Jira


Sirna Eebba Barattoota Yniversitii Jimmaa
Sirna Eebba Barattoota Yniversitii Jimmaa

Bulchiinsa Hospitaalootaa sirressuun tajaajiila qulqullina qabu uummataaf kennuuf, qabeenya xiqqaa jiru sirriitti itti fayyadamuuf, akkasumas Hospitaalonni akka of danda’ani of bulchan gochuuf gargaara, jedhu Itti-aanaa Prezidaantii Bulchinsaa fi Misoomaa Yunivarsitii kanaa ka ta’an obbo Kooraa Tushunee ibsanii jiru.

Yunivarsitiin Jimmaa gama barnoota wal’ansa fayyaan leenjii kennuun biyyatti keessatti iddoo olaanaa kan qabu ta’uu obbo Kooraa Xushunee ibsanii jiru.

Yunivarsitiin kun yeroodhaa yerootti gosa barnootaa haaraa banee, leenjii kennuu kan itti fufe ta’uu kan ibsan obbo Kooraan, barana immoo biyyattii keessa kan hin turre akkuma Afrikaattuu haala kanaan kan hin turiin leenjii gama Bulchiinsa Tajaajiila Fayyaa fi Hospitaalaan (Hospital and Health care Adminisration) barattoota 22 digrii Mastersiin yeroo duraaf eebbisisuu isaa dubbatan. Sagantaa kanas, Ministara Eegumsa Fayyaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa keessa jiru 'Yale University' akkasumas, kan waajiira Finfinnee keessa qabu, jarmayaa “Clinton Health Access Initiative”(CHAI) jedhamu waliin gaggeessaa ka jiran ta’uu Obbo Kooraan ibsanii,tajaajiila fayyaa kennuu keessatti rakkoo tokko ka ta’e, dadhabbii gama hojii hogganaa fi bulchinsaan jiru furuuf leenjiin kun ka gargaaru ta’uu ibsan..

Wal’ansa fayyaa addunyaa irratti yeroo yerootti haaraa argamaa jiru akka barattoonni hubatan gochuuf, gama internettiin, fakkeenyaaf Amerikaa kutaa Meerilaand keessa kan jiru Yunivarsitii 'Johns Hopkins, irraa barnoota tamsaasamu barattonni Yunivarsitii Jimmaa akka hordofan taasisama jechuun, Itti-aanaa prezidaantiin Bulchinsaa fi Misoomaa Yunivarsitii Jimmaa, obbo Kooraa Xushunee VOAf ibsanii jiru.




Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG