Xurree ittiin seenan

Breaking News

Zaambiyaan AyvooriiKoostii Moohattee Waancaa Afrikaa 28tessoo Fudhatte


Chipolopooloon,gareen Kubbaa Miilaa Zaambiyaa ta ganna 19n duratti taphattoota kubbaa miilaa isii cufaa adoo jarii taphachuuf yaahuu xuyyuurii lafaan dhahe fixe taan hardha biyyuma namii isii irraa dhumate taan,Gaabonitti, AyvooriiKoosti 8-7 moohattee waancaan galatte.

Namii Zaambiyaan asi geettee waancaa fudhatti jedhee eege guddaan jiraachuu baatullee jara kana obsaa fi jabeennatti asiin gahe.

AyvooriiKoosti,taphattoota bebeekamoo Awurooppaa guurrattee dhuftuunillee Zaambiyaa moohachuu hin dandeenne.Waan biyya tana waancaa irraa hambise keessaa Diroogbaa,Gerviinooo fi Koloon faan adabbii ykn rigoolee dhabuu fa.

Zaambiyaan kubbaa miilaa kana marroo tokkeessoo argatte,AyvooriiKoosti silaa waan ganan 20n duratti argattee ammallee dabalachuu feete.

AyvooriiKoosti,Zaambiyaa moohachuu baattullee warra dorgommii Waancaa Afrikaa 28tessoo irratti waliin taphatan kana momoohachaa asi geette.

Qophii Ispoortii hardhaa MP3 tana irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG