Prezidaantiin Yukreen Voladmiir Zeleenskii wiixata har’a walgahii kaawunsilii Awuroopaa irratti haasawaa kan dhageesisuuf jiran yoo ta’u, kunis ykreen gargaaarsii dabalataa akka kennamuu Raashaan weerara isheetti xumuura akka tolfattuuf dhiibbaan dabalataa akka irra ka’amu gaafatu.
Prezidaantiin kaawunsilii Awuroopaa Chaarlas Micheel walgahii guyyaa lamaaf turu kana dura xalayaa barreessaniin, Raashaan weeraraa fi ajjeechaa gaggeessa jirtu duratti Yukreen jajjabiina gaarii agarsiisaa akka jiru fi kabajaa argachu ibsan.
Yaaddoon keenya guddaan Mootummaa Yukreen michoota keenya kan addunyaa waliin gargaaruu yoo ta’u kunis gama nu gaafataa jirtuun ta’u qaba jedhan.Kana malees Yukreeniin haala qindoomiina addunyaa qabuun attamitti deebisnee ijaaruu akka dandeenyu mari’anna jedhan.
Ministeerrii hajaa alaa Raashaa serge Laavroov televiziyoona Faransaayiif dilbata kaleessaa akka ibsanti haal duree tokko malee ilaalcha duraa kan itti kenninuu kutaa Doneetsk fi Luhaansk bilisoomsii dha jedhan.