Xurree ittiin seenan

Breaking News

Zalaniskiin Waraana Isaanii Galateeffatan 


Prezidaantii Yukreen Volaadmiir Zeeleenskii, Waxabajii 5, 2022
Prezidaantii Yukreen Volaadmiir Zeeleenskii, Waxabajii 5, 2022

Waraannii Yukreen kanneen kutaa Donbaas gama bahaa keessa jiran hojii gaggeessaniif kan galateeffatan prezidaant Volaadmiir Zeeleenskii, Raashaan dura dhaabannaa akkasiitu na mudata jecttee hin eegne jedhan.

Zeleenskiin haasawaa vidiyoon waraabamee Kibxata kaleessaa galgala dhiyaate irratti waa’ee wal waraansa Donbaas keessaa dubbatan. Donbaas keessatti gootummaa guutuun of irraa qolachuun itti fufee jira.Bakka wal waraansii jabaan jiruttis akkasuma. Kanneen nu weeraran dura dhaabannaa jabaa akkasiitu nu mudata jedhanii akka hin eegna ifatti nu gala jedhan.

Raashaan magaalaa galama mootummaa Yukreen Kiyeeviin qabachuu yaalii baatii lama dutre taasiifte irraa duubatti eega deebii as, Kutaan Donbaas kan Doneskiin of keessaa qabu Raashaaf qiyyaafata ijoo ta’eera.

Ministeerri ittisaa kan Raashaa Sergee Shaayguu Kibxata kaleessaa akka jedhantihumnootiin isaanii kutaa Luhansk harka 97 to’atanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG