Xurree ittiin seenan

Breaking News

Zimbaabuwee Abdiin Ifee Ture Har’a Deebi’ee Dimimmise


Prezidaantiin Zimbaabwee, Robert Mugaabee, aangoo irraa buufamanii mana isaanii Hararee keessatti balaballi eega itti cufamee booda biyyattii keessatti muddamsii jabaatee jira.

Dhaabbatoonni siivilii fi gurmuuleen amantii Zimbaabiwee keessaa har’a ganama ibsa baasaniin, kan waggoota 37f taayitaa qabatanii turan – Robert Mugaabee akka hatattamaan gad-lakkisan eega akeekkachiisanii booda, abdiin furmaata hatattamaa eegamaa ture dimimmisaa jira. Prezidaant Mugaabeen yaada sana waan fudhatan hin fakkaatu. Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa – Jaakoob Zuumaa, paarlaamaa biyyattiif haasawa dhageessisaniin, gama isaaniitiin waa’ee Zimbaabiwee murtii cimaa tokko fudhachuuf yeroon isaa hin geenye – jedhan.

Prezidaant Muugaabeen, eega Kibxata halkan humna waraanaatiin mana isaanii keessatti ugguramanii gooda, gad-ba’anii hin mu’anne. Jilli Afrikaa Kibbaa irraa deeme immoo, mana isaanii keessattii fi mana-muootummaa keessatti walga’ii geggeessee ture.

Dhaabbata Chaataam Haawus – jedhamu, kan as Yunaayitid Isteets keessa jiru irraa – xiinxalaan siyaasaa, lammiin Zimbaabuwee - yeroo waraanni biyyattii taayitaa siyaasaa biyyattii to’atetti magaalaa Haraaree keessa turan. Humni waraanaa taayitaa qabatee turuun yoo dheerate – haalli jiru daranuu tasgabii dhabaa deema – jedhu.

Hoogganaa garee mormituu – Morgaan Chaangiraay dabalee - Qaamonni siyaasaa ijoon Zimbaabiwee keessaa, hga filannoon bara dhufu geggeessamutti, akka mootummaan cehumsaa hundeessamu yaada dhiheessaa jiran.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Zimbaabuwee Abdiin Ifee Ture Har’a Deebi’ee Dimimmise
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:37 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG