"Mucaa Abbaan Isaa Hin Beekamne Godhachuuf Dirqamaa Jirra"

  • Jaallannee Gammadaa

Kora waggaa ka Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA) isa bara 2010 irratti,dhimmootii ijoo dhiyaatan keessaa waa'een baqatoota Oromoo biyya ambaa keessatti rakkataa jiranii tokko ture.

Keessumaa Jabuutii fi Keniyaa keessatti dararaa jabaan amma iyyu baqattoota irra ga'aa akka jiru gareeleen mirga dhala namaaf falman lama: "Human Rights League of the Horn of Africa/HRLHA" fi "Oromia Support Group/OSG" gabaasanii jiran.

Baqattoota Jabuutii jiran keessaa hangi xiqqoon mooraa baqattootaa keessa kan jiran yoo ta'u harka caalaan garuu Dhaaba Waa'ee Baqatootaa kan Tokkummmaa Mootummotaa UNHCR biraa simannaa dhabanii akkanumatti faca'anii rakkataa kan jiran ta'uu, dubbatu baqattoonni Raadiyoo Saagalee Ameerikaaf ibsa kennan.

Kanneen galmeeffamanii mooraa keessa jiraniis, biyya sadaffaa keessa qubsifamuuf abdiin qaban otuu hin dhugoomiin waggoota dheeraa lakkofsisuu dubbatu.Keessumaa amoo dubartonni humnaan gudeeddii fi hookkara saalaa irra ga'uun kan ka'e, biyya hambaa keessatti kan rakkatan caalaa mucaa abbaan isaa hin beekamnee da'anii guddisuuf ka saaxilaman tahuu nuuf ibsan.

Guutummaa gabaasa kanaa MP3 tuquun dhaggafadhaa.