WASHINGTON DC —
Lammiiwwan Ameerikaa kanneen hobomboleettii hamtuu gidduukanaan miidhaan irra ga’e kan gargaaraman ta’uu abdachiisan. Naannolee akka hamaatti hobomboleettii Sandy jedhamtuun dha’aman keessumaa kan akka Ny fi New Jersey keessatti tattaaffiin baraarsaa kaleessa eegalee jira. Yoo xiqqaate namoonni 40 ta’an balaa kanaan lubbuu dhabanii jiru Gabaasa margaret Basheer fi Adam Phillips NY irraa gabaasaniiru.
president Barack Obaman waajjira guddaa waldaa fannoo diimaa america kan washinton jiru irraa haasaa dhageessisaniin biyyattiin kanneen bubbee kanaan miidhaman cina ni dhaabbattee akka dandammatanifis ni gargaarti jedhan.
Keessumaa NY, New Jersey fi Connecticut kanneen uummanni miliyoonaan laka’aman ibsaa fi tajaajilli geejjibaa addaancite akkasumas daandiwwan manca’anii mukkeetiin jjigan keessatti gargaarsa guddaatu barbaachisa.