Dawaalee fi Fayyaa Namaa

  • Jaallannee Gammadaa

Dawaalee

Afrikaa keessatti dawaaleen adda addaa yeroo hojii irra itti ooluu qaban xumuratan (Expired) ta’an barauun rakkoo guddaa ta’uu gabaasaaleen adda addaa ibsaa jiran.

Dawaaleen kun hedduminaan biyyoota Eshiyaa irraa gara Afrikaatti ergaman./Hedduun isaanii immo biyyoota Afrikaa kanneen uffee sahaaraa gadii keessatti hojii irra oolu.

Fakkeenyaaf Dawaalee dhukkuba Busaa ittisuuf gara Afrikaatti ergaman harka sadii keessaa tokko yeroon itti hojii irra ooluu qaban kan irraa darbe ykn immo dawaa sobaa ti.

Ogeessi akka ajajaeetti dawaa fudahchuu dhabuun,na fayyisa jedhanii takkaan heddummeessanii fudhachuun, dawaa fudhatanii dhukkubi yeroo itti fooyya’u dawaa addaan kutuun, dhukkubii keenya wal fakkaata jedhanii dawaa walii kennuun, ajaja ogeessaa malee dawaa bitatanii liqimsuun rakkoo biyya keenya keessatti mul’atan keessaa hanga tokko.

Kana ilaalchisee dhaggeeffataa Qophii fayyaa kan ta’an Obbo Caalaa Abba Gadaa Qellam Wallaggaa Gidaamii irraa gaaffii erganiif deebii kan kennan Ogeessa waa’ee dawaalee ykn qorichaa kan ta’an Dr.Teshomee Waaqgaarii Kutaa yunaaytiid stetees meeriilaand irraa ti.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii guutuu armaan gaditti cqasaa