Prezidaantii haaraan kan Somaaliyaa Itiyoophiyaa daw’atan

  • VOA
Looltonni gamtaa Afrikaa kanneen hidhatoota Islaamaa waraanan hanga somaaliyaa seenanaiitti looltonni Itiyoophiyaa Somaaliyaa keessa kan turan ta’u mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayle maariyaam Dassaaleeny ibsan.

Angawonni lameen Finfinnee keessatti tuuta oduuf ibsa kennanii jiran.Kan Itiyoophiyaa daw’atan prezidaantii somaaliyaa haaraan Hassan sheek Mahmuud gama isaaniin waa’ee nageenya biyyattii dhimma ijoo ilaalchaii duraa itti kennamu ta’uu hubachiisan.

Kana malees hidhatonni leellistoota Islaamaa kannneen somaaliyaa keessa jiran biyyatti gadhisanii ba’uu qabu jechuun akeekkachisan.

Mummichi ministeeraa Dassaaleeny hojii somaaliyaa deebisanii ijaaruu keessatti muxannoo waggootii darban digdamaaf qabnu irraa ka’uun gargaaruuf qophii dha jedhu.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu dhaggeeffahdaa