Wellisuun Dandeetti Uumamaan Argatan

  • Jaallannee Gammadaa

Wellisaa Kadir Se'id

Ijoollummaa kootii kaasee wallee aadaa wellisaan guddadhe kan jedhu Kadiir Se’iid gaaf tokko carraa Raadiyoo irratti walleen koo dhiyaachu hinuma dhufa jedhee yeroo ijoollummaa isaa abdataa ka ture ta’uu dubbata.

Wellisaa Kadiir waggootii dheeraaf baqatummaan Jabuutii keessatti rakkataa eega ture booda dhiyeenya kana Yunaaytiid Steetes kutaa Minisootaa keessa qubate.

Jireenyii baqattummaa fedhii wellisuuf qabu yeroo dheeraaf danqee turuus ammaan booda garuu hawwii koo fixaan baasuuf hamilee jabaa akka isa bara ijoollummaa kootiitu natti dhaga’ama jedha wellisaa Kadiir Se’iid.

Dhaloonni har’aa kanneen biyya ambaa keessa jiran aadaa ofii guddisuu irratti of dagachuu hin qaban kan jedhu wellisaa kaiir eenyummaa ofiin boonuun akka irra jiru huubachisee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii deebii kutaa lamaan gaggeeffame armaa gadiitti caqasaa


Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii kutaa 2ffaa