“Diidii nama Keenyaati,abbaa hiyyeessaati,warra wa dhabee wa dubbachuu dadhabee afaan tahaa,warra nama millatu dhabee dhaabatee jedhe.”
Akka warrii isa beeku jedhutti Diidii nama siyaasaa Keenyaa kana waan hedduun jijjiiruu fedhu.
Jaarsii kiyya obboleessa,hariyaa,nama warra ufii jabeeffatu,nama hiyyeessaa dhaabatu,yoo biyya tana bulchellee nama dadneetti itti qabuu jetti.
Yuusuf Alii Keenyaatti gaazexeessaa,Diidii waan hedduun qalbii nama seenee jedha.”
“Dhugaa dubbachuu,hiyyeessaa gargaaruu fi waan hedduun faarsan,warra maqaan gadi hin bahinuu hedduu maqaa isaanii gadi baasee waan hedduu midhaasse.”
Filannoo Keenyaa tana irratti nama Booranaa hedduutti perzdaantii,miseensa mana marii fi senetii dabalee waan hedduun dorgomuutti jira.
Mee waan aabba Diidaa fi jaartiin isaa Amiinaa Guyyoo dorgommii isaa irratti jedhan MP3 tana irraa caqasaa.